Oromia Revenues Bureau

Oromia Revenues Bureau External Vacancy Announcement

Beeksisa Qacarrii

Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Sadarkaa Biroottii, Godinaa, Aanaale, Magaalota fi Kutaa Magaalaa irratti Gitoota hojii duwwaa baajeta qabu irratti Ogeessota Jalqabaa dorgomsiisee qaxaruu barbaada. Haaluma kanaan Dorgoomtonni ulaagaalee qaxarrii armaan gadii guutan Guyyaa Beeksiisni kun Gazeexaan Maxannfamee irraa egalee Guyyaa hojii Torbaa (7) walitti anaan keessaattii Sadarkaa Biroo Galiiwwaan Oromiyyaa, Godinaa, Aanaale, Magaalota fi Kutaa Magaalaa isiinitti dhiyyatuutii akka galmooftaan isiin beeksifna.

Ulaagaalee qaxarriin ittiin raawwatamu

1. Afaan hojii Naannichaa (Afaan Oromoo) dubbachuu, barreessuu fi dubbisuu kan danda’u

2. Dorgomtootni ragaa barnootaa isaanii Orijinaalaa fi Kooppii isaa kan hin deebine qabatanii dhiyaachuu qabu.

3. Ragaa barnootaa kollejjii fi Yuunversiitii dhuunfaa irraa dhiyaatu chaappaa fi qaama olaanaa Yunversiitichaa kan mirkanaa’e (Authonticated) tahuu qaba

4. Ragaa barnootaa dippiloomaa fi “Level”dhaan kan eebbifaman “COC” kan ittiin darban Oriijinaalaa fi koppii hin deebine kan dhiyaachuu qaba

5. Dorgommii qaxarrii kana irratti kan hirmaatan bara 2015 fi isaa as barumsa xumuranii qormaata bahinsaa (Exit Exam) qoramanii kan darban tahee ragaa barumsaa isaanii online kanneen taasisanii fi kanneen online hin taasisiin ramaddii fudhachuun dura sirrummaa ragaa barnootaaf barreeffamaa yunvarsiitii irraa dhiyeeffachuu qabu, ragaan barnootaa ittiin dorgoman ragaa sobaa ta’uun isaa yoo mirkanaa’e yakkaan kan gaafataman ta’a.

6. Qabxiin ragaan barnootaa ittiin dorgoman GPA dhiiraaf qabxii 2.85 fi Dubartootaaf qabxii 2.65 fi isaa ol kan qaban kan hirmaachisu ta’a.

7. Dorgomtoonni qormaata seensaa darban calalamanii af-gaaffiidhaaf ni dhiyaatu.

8. Dorgomtoonni filataman Aanaalee fi Magaalota Oromiyaa keessatti bakka manni hojii ramadetti (Godina/ magaalaa/ kutaa magaalaa/ aanaa/ aanaa magaalaa/ deeskii magaalaa ykn gandaatti) tajaajiluuf/hojjechuuf dirqama qabu.

9. Hojjettoota Biroo Galiiwwan Oromiyaa (BGO) sadarkaan jiraan fi dorgommtoni kamiyyuu Muxxaannoo qaxarrii kanaan dura jiru fuula duratti kan hin qabamnee fi qaxarrii kanaaf galmaa’uu kan hin dandeenye ta’a.

10. Dorgomaan tokko gita hojii tokko qofa irratti galmaa’ee Dorgomuu Danda’a

11. Dubartootaa fi qaama miidhamtootaaf dursi ni kennama.

12. Bakka galmee Biiroo Galiiwwan Oromiyaa (Magaalaa Finfinee Naannoo Saarbeet tti kan argamu lak. 2tti) Daayirektoreetii Hooggansa Qabeenya Namaa fi Ijaarsa Dandeettii, waajjira Galiiwwan Godinaalee, Aanaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Kutaa Magaaloota kan gaggeeffamu ta’a.

Hubachiisa: Waamicha Guyyaa qormaataa kanneen calallii darbanii toora facebook keenya-Oromia Revenues Bureau/BGO fi Telegram keenya- Komunikeeshinii Biiroo Galiiwwan Oromiyaa irratti kan maxxansinu waan ta’eef achirratti nu hordofaa.

If you are looking for jobs in Ethiopia, just remember Elelanajobs.
For More updates Join Our Official Telegram Channel
https://t.me/elelanajobs